Hojiilee qorannoo fi qo’annoo bu’aa qabeessa oomishaa fi oomishtummaa guddisan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti…

Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo hojiilee qorannoo fi qo’annoo bu’aa qabeessa oomishaa fi oomishtummaa guddisan gaggeessuun hawaasa biraan gahaan jira jedhe.

Giddugalli Qindaa’aa qonnaa fi qorannoo yuunivarsiitichaa misooma midhaanii, beelladaa fi kuduraa fi fuduraarratti qorannoo bal’aa gaggeessuun argannoo haaraa bu’aa qabeessummaan isaanii mirkanaa’aan hawaasa biraan gahaa jiraachuu dubbatan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Daayrekterri Hariiroo Hawaasaa fi Idil Addunyaa Gargaaraan Piroofeesaraa Mirreessaa Amanuun.

Keessattuu oomishaalee kana dura naannawichatti hedduminaan hin beekamne kanneen akka Ruuzii, Appilii fi Habaabii irratti qorannoo gaggeessuun bu’aa isaa hawaasaaf raabsaa jiraachuu himan.

Muuzii, Paappayyaa fi Buna irrattis qorannoo addaa gaggeessuun sanyii oomishtummaan isaanii olaanaa ta’e hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu fi ofiifis galii keessoo guddiffachuurratti argama jedhan.

Akkasumas loon aannanii sanyii fooyya’oo, Qurxummii fi Booyyee giddugalicha keessatti baay’isuun hawaasaaf raabsuun hojii gabaa tasgabbeessuu olaanaa hojjetaa akka jiru dubbatan.

Bu’aalee qorannoo fi qo’annoo kanneen qonnaan bultoota aanaalee 12 keessatti argamaniif raabsuun jiruu fi jireenya qonnaan bulaa fooyyeessuurratti hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu ibsan Gargaaraan Piroofeesaraa Mirreessaa Amanuun.

Qonnaan bultoota gurmeessuun oomishaalee kanneenirraa caalmaatti fayyadamoo akka ta’an hojii deeggarsaa fi hordoffii cimaa taasisaa akka jiru eeran.

Addatti Buna bu’aa qabeessummaan isaa qorannoon mirkanaa’e hawaasa naannawaaf dhiyeessuun hojii gaarii hojjetaa jiraachuu dubbatan.

Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo hojii qorannoo fi qorannoo umrii isaa ol ta’e gaggeessuun bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu dubbatan.

Yuunivarsiitichi oomishaaleen qorannoon argaman kunneen caalmaatti bu’aa qabatamaa akka argamsiisaan qonnaan bultoota moodeela ta’an gurmeessuun leenjii hubannoo fi deeggarsa ogummaa gahaa ta’e itti fufiinsaan kennaa akka jiru Gargaaraan Piroofeesaraa Mirreessaa Amanuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifaan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment