Hojiilee ququllina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jira- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan hojiilee ququllina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jira jedhan.

Yaa’iin Barnootaa Sadarkaa naannoo 14ffaan mata duree “ Haqummaafi qulqullina barnootaa ijaarsa dhalootaaf” jedhuun naannoo Gambeellaatti gaggeeffamaa jira.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ergaa yaa’ii kanarratti dabarsaniin, guddinniifi qaroominni biyyaa kan dhugoomu dhaloota ogummaafi naamusaan gahoome horachuun yoo danda’amedha jedhan.

Guddinniifi misoomni waaraan akka mirkanaa’uuf barnoota qulqullina qabu waliin gahuun lammii ofitti amanu horachuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.

Haaluma Kanaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiilee ququllinaafi haqummaa barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaniin qabxiin barattootaa fooyya’aa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment