Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)-Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen hojiileen gaggaariin aadaa waliif yaaduufi walgargaaruu gabbisan cimaa dhufaniiru edhan.
Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksiifi dhaabbileen waamamtootaa naannoo Affaar Bulchiinsa Magaalaa Samaraa Loogiyaatti hojiilee tajaajila tola ooltummaa hojjetaniiru.
Dooktar Alamuu Simeen wayita kana, hojiilee gaggaariin aadaa waliif yaaduufi walgargaaruu gabbisan cimaa dhufuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonni tumsaan waliin hojjechuu yoo dandeenye dandeettiin keenya ni dabala, hojiileen akka kanaa cimuun ammoo tattaaffii deeggarsa dandeettii ofiin uwwisuuf taasifamu dhugoomsuu danda’a jedhan.
Pireezidaantiin Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa gamasaaniin, tajaajilli tola ooltummaa hojii gaarii hariiroo cimsuun waldeeggaruu mul’ise ta’uu ibsan.
Deeggarsi Ministeerichiifi dhaabbileen waamamtootaa hojii walooma guddisurratti taasisan jajjabeessaadhas jedhan.
Dhaabbileen kunneen meeshaalee barnootaa deeggaruun fi manneen namoota harka qalleeyyii haaromsuun gochaa galateeffachiisaa ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.