Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Bara baajataa xumurametti hojiileen guddinaafi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu dandeessisan hojjetamaniiru jedhan Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamil.
Waltajjiin gamaaggama hojiilee tumsa mootummaafi paartiin bara baajataa xumurame keessa hojjetamanii magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamaa jira.
Tattaaffii gargaaramtummaarraa bahuuf taasifame, carraa hojii uumuu, gabaa tasgabbeessuufi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuufi dhimmoota biroorratti hojiilee hojjetaman irratti marii bal’aan taasifameera.
Dhimmoota kanneen irratti ibsa kan kennan aadde Muufariyaat Kaamil, lammiileef carraa hojii biyya keessaafi alaa mijeessuufi uumuuf hojiin hojjetame bu’aa gaarii argamsiisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti carraan hojii ogummaan deeggarame akka jiraatuuf lammiileen beekumsaafi ogummaa gonfataniin badhaadhina biyyaaf gahee isaanii akka bahataniif hojjetamaa jiraachuus eeran.
Carraa hojii uumuun alattis dameewwan biroo keessatti bu’aalee qabatamaan galmaa’uufi hojiileen wabii nyaataa akkasumas guddinaafi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu dandeessisan hojjetamuu yaadachiisan.
Bu’aa argame cimsuufis tattaaffiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo