Hojiileen birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf eegalaman deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin uwwisuuf gahee olaanaa qabu

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC) – Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Dooktar Shifarraawu Taklamaariyaam hojiileen birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf eegalaman deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin uwwisuuf gahee olaanaa qabu jedhan.

Komishinichi mata duree “Deeggarsa Namoomaa Dandeettii Ofiin” jedhuun ogeeyyii damichaa dhaabbilee waamamtootarraa walitti babba’aniif leenjii kennaa jira.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaateefi haala qilleensaa mijataa ta’e qabdu ta’uu Dooktar Shifarraawu Taklamaariyaam ibsaniiru.

Waggoottan hedduuf qabeenya qabdu haalaan faayidaarra oolchuu dadhabuun maqaan ishee gargaaramtummaan walqabatee ka’aa akka ture yaadachiisaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaan as mootummaan gargaaramtummaa hambisuufi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf damee qonnaan inisheetiiviiwwan hedduu hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa fidaa jira jedhan.

Hojiileen komishinichi mata duree “ Deeggarsa Namoomaa Dandeettii Ofiin” jedhuun hojjechaa jiru ilaalchaafi gochaa gargaaramtummaa kan hambisan ta’uus eeraniiru.

Qaamoleen qooda fudhattootaas hojimaata kana haalaan hubachuun hojiirra oolmaa isaaf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment