Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee boonsaan Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisan hojjetamaniiru jedhan Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Uummataa fi Idil-addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Leenjiin mata duree duree ‘bara dhugaan boodaa, dhugaa fi beekumsaan’ jedhuun Hoggantootaa fi ogeeyyii miidiyaafi kominikeeshiniif Magaalaa Baahir Daaritti kennamaa jira.
Dooktar Biqilaan leenjicharratti ,waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen walitti dhufeenya Itiyoophiyaanoota caalmaatti guddisan hojjetamaniiru jedhan.
Tokkummaa sabdaneessaa,walkabajuu fi waldeeggaruu guddisuun hojiileen itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti akka ceetuuf gargaaran hedduun raawwatamuu kaasaniiru.
Itti Gaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa obbo Yirgaa Sisaay gamasaaniin, humnonni fiinxaleeyyii naannicha keessa jiran misooma, guddinaafi badhaadhina ummata naannichaaf kan hin dhiphanne ta’uu mirkaneesseera jedhan.
Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatameen gocha garee fiinxaleeyyii injifachuun nageenya bu’uuressuurraan darbee hojiileen misoomaa fayyadamummaa cimsan hojjetamuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.