Hojiileen kalaqaa guddina Afrikaaf yeroo mara bu’uura-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 15, 2018 (FMC)- Hojiileen kalaqaa guddina Afrikaaf yeroo mara bu’uura jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Daayrektara Olaanaa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhukkubootaa Afrikaa (CDC) Dooktar Zhaan Kaaseeyaa waliin mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, ergaa dabarsaniin, har’a ganama Daayrektara Olaanaa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhukkubootaa Afrikaa Dooktar Zhaan Kaaseeyaa waliin marii bu’aa qabeessaa taasifnerra jedhan.

Dooktar Abiy dhimmoota dursi kennamuufi qaburratti mari’achuu ibsuun, keessattuu Hubannoo Namtolchee Gamtaa Afrikaa (AI) fi Dursaa Damee fayyaa Diijitaalaa ta’uun itti gaafatamummaa haaraa kennameefirratti bal’inaan mari’achuu ibsaniiru.

Hojiileen kalaqaa guddina Afrikaaf yeroo mara bu’uura ta’uuus kaasaniiru.

Rakkoolee jijjiiramoo damee fayyaa keessatti nu mudatan injifachuuf, dandeettii hubannoo Namtolchee fi teknoolojiiwwan dijitaalaa fayyadamuun sirna fayyaa cimsuuf, dhaqqabummaa babal’isuu fi ummataaf bu’aa fooyya’aa galmeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan muuxannoo qabdu ardichaaf qooduuf, akkasumas addunyaa teeknooloojiin saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti karaa addunyaa waliin bu’a qabeessa ta’een tarkaanfachuufi michuummaaa cimaa ijaaruuf kutannoo qabachuu mirkaneessaniiru.

Dooktar Abiy mul’ata kana gara bu’aa qabatamaa fi hirmaachisaatti jijjiiruuf CDC Afrikaa fi tumsitoota Ardichatti argaman waliin itti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment