Finfinnee, Caamsaa 9, 2017 (FMC) – Hojiileen Riifoormii Itiyoophiyaa ammayyeesuuf eegalaman ga’umsa ogummaa fi murannoo hoggansi jijjiiramaa qabu kan agarsiisaniidha jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Noorweey Istaayin Kiristansan.
Ambaasaaddarichi hariiroo biyyoota lamaan caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qabaachuu kaasuun, keessattuu damee fayyaa, barnootaa, diinagdee fi siyaasaan waloon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Jijjiirama Itiyoophiyaan yeroo dhiyoos as agarsiisaa jirtu dinqisiifataniiru.
Hojiileen Riifoormii eegalamanis ga’umsa ogummaa fi murannoo hoggansi jijjiiramaa qabu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Noorweey hariiroo dippiloomaasii fi siyaasaa qaban caalmaatti cimsuuf waliigaltee mallatteessanii hojjechaa jiraachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia