Finfinnee, Caamsaa 13, 2017(FMC)- Magaalaa Finfinneetti hojiileen sirna geejjibaa si’ataa uuman cimanii itti fufuu Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Aadde Adaanech Abeebeen bakka dhaabbii konkolaataa “Ekkaa 2” Kutaa Magaalaa Ekkaatti ijaarame eebbisiisaniiru.
Haasawaa saganticharratti taasisaniinis, jijjiiramaan asitti bakkeewwan dhaabbii konkolaataa, konkolaattota kuma 35 keessummeessuu danda’an 150 ijaaramuu eeraniiru.
Dabalataanis daandiiwwan konkolaataa, biskileetiifi imaltoota lafoo sirna geejjibaa saffisiisan bal’inaan ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Bakkeewwan dhaabbii konkolaataafi bu’uuraaleen misoomaa daandii sosochii diinagdeefi hawaasummaa magaalichaa si’eessuu keessattis gahee olaanaa bahachaa akka jiran ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Bakki dhaabbii konkolaataa guyyaa har’aa eebbifames si’a tokkotti konkolaattota kuma 1 ni keessummeessa jedhameera.