Hojiin bakkewwan daa’imman taphachaa qaamaa fi sammuun guddachuu danda’an babal’isuu cimee itti fufa- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC )- Hojiin bakkewwan daa’imman taphachaa qaamaa fi sammuun guddachuu danda’an babal’isuu cimee itti fufa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Guyyaan Daa’imman Afrikaa 34ffaan Sochiilee Ispoortii garaagaraan Addabaabaayii Dubartootaatti kabajameera.

Aadde Adaanech ergaa dabarsaniin, yeroon daa’imummaa bu’uura jireenyaa ta’uu dubbataniiru.

Daa’imummaarratti wantii gaariin yoo hojjetame dameelee garaagaraan dureewwan Itiyoophiyaa boruu ijaaruun kan danda’amu ta’uu ibsan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bakkeewwan daa’imman taphachaa qaamaa fi sammuun itti guddatan bal’inaan ijaaraa jiras jedhan.

Magaalichatti bakkewwan daa’imman itti taphatan kumni 2 fi 130 ol ijaaramuu eeruun, kanneen fulduratti ijaaramuuf karoorfamiin kun jalqabbii ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment