Finfinnee, Amajji 1, 2018 (FMC) – Bara baajetaa 2018 hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii lafa hektaara miliyoona 4.6 irratti hojjetama jedhe Ministeerri Qonnaa.
Hoji-raawwachisaa dursaan Misooma, Eegumsaa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Ministeerichaa Faanosee Makonnin kanuma ilalchisuun akka ibsanitti, eegumsi biyyee fi bishaanii Sirnakkoo naannoo eeguu bira darbee, lafa midhamee fi duwwaa ta’e (borqate) bayyaannachisuuf ga’ee guddaa qabaata.
Waggoottan darban hojii misooma sululaa qindaa’aa naannoolee biyyattii hundatti hojjetameen lafti hektaarri miliyoona 33.6 caalu bayyaannachuu akka danda’es dubbatan.
Bara kana lafa heektaara miliyoona 4.6 irratti hojjechuuf qophiin xumuramuus obbo Faanos Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.
Kana malees, naannoolee hundatti Sululawwan hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii keessatti hojjetamu kumni 22 ol adda ba’uu ibsaniiru.
Meeshaaleen hojii kanaaf barbaachisan qophaa’uu fi leenjiin ogeeyyii qonnaa fi sarveyerotaaf kennamuu eeranii, hawaasnis bal’inaan akka itti hirmaatu hubachisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia