Hojiin galmeessa ragaalee siivilii dijiitaalawaa akka ta’uuf hojjetamaa jira – EGS

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Hojiin galmeessa ragaalee siivilii dijiitaalawaa akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhe Ejensiin Galmeessa Siivilii Oromiyaa.

Daayrektarri Olaanaan Ejansii Galmeesa Sivilii Oromiyaa obbo Tasammaa Baqqalaa akka ibsanitti ejensichi hojiin taateewwan galmeessa ragaalee siivilii qulqulluu. saffisaa fi bu’a qabeessa akka ta’uuf sirni hojichaa harkaan galmeessuu irra meeshaalee tekinoolohojiitti akka fayyadamaniif hojiin dandeettii isaanii cimsuun hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan Ogeessota EGS Aanaalee, gandootaa fi magaalota Oromiyaa hojii Galmeessa sivilii irratti hojjataniif meeshaalee dijiitaalaatti fayyadamanii hojjechuu akka danda’aniif leenjiin kennamaafii tureera.

Tibba kanas meeshaa hojiin Galmee Sivilii dijaataalessuu akka Addunyaatti ittiin hojjatamaa jiru laptooppiin Baayometriik jedhamu irratti ogeeyyii itti waamamtootaaf marsaa sadiin leenjiin kennameefii hojiitti akka seenan ta’eera.

Fayydaan tekinooloojii kanaa abbaa dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti
keessummeessuu, ragaalee bifa qulqullina qabuu fi dijitaalawaa ta’een qabachuu, akkasumas qisaasama qabeenyaa hambisuu dha jedhaniru.

Hojiin hanga ammaatti akka biyyaatti hojjatamaa ture bu’aa gaarii galmeesisuu himanii, ogeeyyiin hundi teeknolojii kanatti cimanii hojjachuun tajaajila si’ataa kennuu akka qaban dhaamaniiru.

Ogeeyyiin sadarkaa magaalotaa, aanaalee fi gandaatti jiran kumni 1 fi 193 marsaa sadiin leenji’uun hojii tajaajila uummataa akka biyyaatti ragaa barbaachisu qabachuun walqabatee hojjatamaa jiru ammayyeessuuf gara hojiitti bobba’aniiru.

Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment