Hojiin giddugalichaa jijjiirama olaanaa argamsiisaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 19, 2018(FMC)- Hojiin Giddugala Haaromsaafi Misooma Ogummaa Dubartootaa “Lanageewaa” jijjiirama olaanaa argamsiisaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Hundeessaafi Dura Taa’aa Boordii Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Ijoollee (CIFF) Kiriis Hoon fi garee isaanii Giddugala Haaromsaafi Misooma Ogummaa Dubartootaa “Lanageewaa” daawwachiisneerra jedhan.

Ergaa Ministira Muummee “Hojiilee hojjennu keessaa hojii guddaan hojii namarratti hojjennu; keessumaa dubartoota irratti kan hojjennu” jedhu guddugala godhannee hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.

Giddugalichi abdii fi egeree dubartoota rakkoolee hawaasummaa garaagaraa keessa jiranii haaromsuuf akkasumas kabajniifi nageenyi isaanii eegamee jireenya fooyya’aa akka gaggeessan gochuuf mul’ata guddaa qabatee hojjechaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Giddugalli kun bara 2016 irraa eegalee marsaa 5’n dubartoota rakkoolee hawaasummaa keessa turan kuma 3 fi 259 dameewwan ogummaa garaagaraan leenjisuun gara hojiitti bobbaasuus kaasaniiru.

Eebbifamtoonni hundi yeroo ammaa jireenya kabaja qabu jiraachaa akka jiran kaasanii, giddugalichi waggaatti dubartoota hanga kuma 10 kan gahoomsu ta’uus ibsaniiru.

Dabalataanis fayyadamummaa diinagdee hammataa ta’e kan mirkaneessu Itiyoophiyaarra darbee Afrikaa irraa giddugala muuxannoon irraa qooddatamu ta’uu eeraniiru.

Hundeessaafi Dura Taa’aa Boordii Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Ijoollee (CIFF)Kiriis Hoon fi garee isaanii hojiilee giddugalichaa daawwachiisuun hojiilee yeroo itti aanutti waliin hojjetan irratti mari’achuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment