Hojiin Hidha Laga Magac jallisuu milkiin xumurame – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC) – Piroojektii Misooma Jallisii Magaciin hojiin Hidha Laga jallisuu milkiin xumurame jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Daawwannaa Goondaritti taasifneen hojii ijaarsa Piroojektii Misooma Jallisii Magac gamaaggamneera jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Piroojektichi lafa hektaara 870 irra kan buufate yoo ta’u, lafa hektaara kuma 17 jallisiin misoomsa jedhamee eegama.

Jallisiin Magac wayita xumuramu oomishtummaa qonnaa naannichaa kan guddisu ta’a jechuun ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment