Hojiin Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uuf taasiiftu kan dinqisiifamuudha – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Tattaaffiin Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uuf taasiiftu kan dinqisiifamuudha jedhan Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jirurratti Viidiyoon ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaan misooma Qamadii fi Misooma Qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaruun bu’aa gaarii galmeessuu ergaa isaaniin himuun, sosochii birmadummaa nyaataa mirkaneessuu Addunyaa biroof fakkeenya gaarii ta’uu danda’u jechuun ibsan.

Madaala sirna nyaataa eeguun barbaachisaa ta’uu fi qooda fudhattoonni hundi xiyyeeffannoo itti laachuu akka qaban hubachiisan.

Mootummaan Itiyoophiyaa yaa’icha qopheessuuf murannoo agarsiise galateeffataniiru.

Jijjiirama qabeenya Qilleensaarratti hojjechuu fi nageenya addunyaa mirkaneessuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf murteessaa akka ta’e eeran.

Masaafinti Birilleetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment