Hojiin Komishinii Hoggansa Sodaa balaa gurmeessuu cimee itti fufa –Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC )- Hojiin Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnee humna namaa fi teeknooloojiin ammayyeessuu fi gurmeessuu cimee kan itti fufu ta’uu Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Guyyaan hojjettoota yeroo balaa mata duree “Wareegamni misooma magaalaa sodaa balaarraa oolchuuf kaffalamu gootummaadha“ jedhuun Addabaabaayi Masqalaatti kabajamaa jira.
Saganticharratti Kantiibaa Adaanech Abeebee, Afyaa’ii Mana Maree Magaalaa Finfinnee Buzenaa Alqaadir, Komishiinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Dooktar Shifarrawu Taklamaariyaami fi qondaaltoonni olaanoo magaalichaa biroon argamaniiru.
Aadde Adaanech saganticharratti ergaa dabarsaniin, hojjettoonni yeroo balaa gootota yeroo balaan mudate qabeenyaa fi lubbuu nama baraaraniidha jedhan.
Guyyaa hojjettoota yeroo balaa kabajuun tajaajila kennaniif kabaja malu kennuu fi galateeffachuuf akka ta’ees dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
Hoggansa Sodaa balaa magaalichaa humna namaafi teeknooloojiin ammayyeessuun tajaajila magaalichaa madaalu kennuuf hojiileen hojjetamuu himuun, kunis cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Saganticharratti hojjettoota yeroo balaaf gulaantaa kennuufi agarsiisni konkolaattoota ammayyaa ittisa balaa dhiyaateera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment