Hojiin kooriidarii baadiyyaa bu’aa buusaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 9, 2018 (FMC) – Hojiin kooriidarii baadiyyaa eegalame bu’aa buusaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Misooma Kooridarii Moodela Baadiyyaa Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Aanaa Gurra Fardaatti hojjetame wayita daawwatan akka jedhanitti hojiileen misoomaa magaalaatti eegalaman gara baadiyyaattis babal’isuun naannolee fi godinaalee hundatti qe’eewwan ce’an haaraan hojjetamaa jiru.

Hojiin kooriidarii baadiyyaa guyyaa har’aa Gurra Fardaatti daawwatan jajjabeessaa ta’uus kaasaniiru.

Dhimma kana sadarkaa biyyaatti qabeenya uumamaa fayyadamuu yoo dandeenye badhaadhina guutuu fiduu dandeenya jedhan.

Kooriidariin baadiyyaa Gurra Fardaatti hojjetame warreen kaan irraa adda kan taasisu iddoo oolmaa daa’immanii mataa isaa qabaachuu isaati jedhan.

Badhaadhina ni mirkaneessina wayita jedhamu jireenya tokkoon tokkoo lammii tuquu qaba kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, gama Kanaan guddina walitti fufiinsaafi qulqullina qabu mirkaneessuun akka danda’amu eeraniiru.

Tokkoon tokkoo qonnaan bulaa galtee naannoo isaa jiruun mana isaa ijaarrachuun gara sadarkaa kanaatti ammayyaa’uu qaba jechuun ibsaniiru.

Hojii kana hojjechuuf baasiin isaa gadi aanaafi meeshaaleen ijaarsaas naannawaatti kan argaman ta’uu kaasanii, wanti hanqatu yaada qofa akka ta’e eeran.

Hojii kooriidarii kana itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, hoggantootaafi hojjettoota hojiin kun akka milkaa’uuf qindeessan galateeffataniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment