Hojiin misoomaa Baaleetti hojjetamu Oromiyaarra darbee biyyaaf faayidaa guddaa qaba- Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018(FMC)- Hojiin misoomaa Baaleetti hojjetamu Oromiyaarra darbee biyyaaf faayidaa guddaa kan qabudha jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mata duree ‘Marii Soofumar’ jedhuun hoggantoota duraaniifi yeroo ammaa hojiirra jiran waliin mari’ataniiru.

Dooktar Warqinaa Gabayyoo wayita kana, Baalee Kanaan dura nan beeka haa ta’u malee wanti ani har’a arge hojiilee qabeenya kuufamaa isheen qabdu ibsanidha jedhan.

Daawwannaan hoggantoota duraaniifi yeroo ammaa hojiirra jiran waliin taasifamu Kanaan dura kan hin baratamnee fi kan dinqisiifatamu ta’uu kaasanii, qaama kanaa ta’uu isaaniitti akka gammadan ibsaniiru.

Hojiin misoomaa Baaleetti hojjetamu Oromiyaarra darbee biyyaaf faayidaa guddaa qabaachuus eeraniiru.

Daawwannaan tibbana Baaleetti taasisan wal tumsuun, waloon hojjechuufi gaheen hoggansa cimaa hagam barbaachisaa akka ta’e kan itti hubatan ta’uu kaasaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment