Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) –Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii waqtii Bonaa hojjetamaa ture sagantaa Ashaaraa Magariisaan walitti hidhuun bal’inaan hojjetamaa jira.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a hojjettoota waajjira Ministira Muummee waliin gaara Eekkaarratti biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.
Lammiilee hedduun sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaarratti hirmaachaa jiraachuu Ministirri Dhimmoota Kaabinee fi Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee Alemtsahaay Phaawuloos ibsaniiru.
Waajjirrichi sagantaa bara kanaan biqiltuuwwan kuma 100 dhaabuuf karoorfachuu kaasan.
Sagantaan ashaaraa magariisaa gala dhalootaa ta’uu eeran.
Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii waqtii Bonaa hojjetamaa ture sagantaa Ashaaraa Magariisaan walitti hidhuun bal’inaan hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen.
Akka biyyaatti lafa hektaara miiliyoona 3.7 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuu eeruun, kana keessaa lafa hektaara miiliyoona 2 irratti sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuun ni dhaabbata jechuu isaanii TOI gabaasera.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa bara kana mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, biqiltuu biiliyoona 7.5 ni dhaabbata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.