Finfinnee, Amajjii 18 , 2018 (FMC) – Baatiiwwan jahan darbanitti hojiin tajaajila tola ooltummaa Birrii biiliyoona 13’tti tilmaamamu hojjetameera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen gamaaggama raawwii hojiilee mootummaafi paartii baatiiwwan jahan darbanii mata duree “ Finfinnee murannoon gara milkaa’ina olaanaatti” jedhuun gaggeessaa turre xumurreerra jedhan.
Gamaaggamichaan bu’aalee Finfinnee qulqulluu, magariisaafi miidhagduu, jiraattotaaf mijooftuufi magaalaa ammayyoofte taasisuuf galmaa’an ilaalleerra jedhaniiru.
Daandiiwwan haaraan kiiloomeetirri 134 ijaaramuu fi daandiin kiiloomeetirri 573 ol suphamuu yaadachiisan.
Dhiyeessii bishaanii gara meetir kiyuubii kuma 60’tti guddisuun hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasanii, sirna dhabamsiisa dhangala’aa ammayyeessuun magaalicha faalamarraa ittisuuf ijaarsi calaltuuwwan 8 saffisa olaanaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Dameewwan barnootaa, fayyaa fi hawaasummaa garaagaraan pirojektoonni fedhii uummataa bu’uureffatan 274 ijaarsarra jiraachuu hubachiisaniiru.
Hojiilee misooma kooriidariifi qarqara lageeniitiinis magaalaa keenya irra deebiin ijaaraa jirra; magaalaa keenyarra darbee simboo biyya keenyaa jijjiirreerra jedhan.
Jiraattota magaalichaaf manneen jireenyaafi daldalaa kuma 12 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsuu ibsaniiru.
Bakki gahumsa tuurizimii konfiransii magaalichaa sadarkaa olaanaan guddachuufi baatiiwwan jahan darbanitti konfiransiiwwan 150 ol gaggeeffamuu yaadachiisuun, gama carraa hojii uumuunis lammiilee kuma 100 fi kuma 95 oliif carraan hojii dhaabbiifi yeroo uumamuu kaasaniiru.
Kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo Masoob ilaalchisees itti quufiinsa uummataa %94 argachuun keenya hojiilee keenya itti aananiif galaa guddaadha jedhan.
Hirmaannaan tajaajila tola ooltummaa sadarkaa olaanaan guddachuun deeggartoota misoomaafi uummataan hojiileen tajaajila tola ooltummaa Birrii biiliyoona 13’tti tilmaamaman hojjetamuu ibsaniiru.
Baatiiwwan jahan itti aananittis garaagarummaa raawwii hoggansaa dhiphisuun, ijaarsa dhaabbataa cimsuuf, malaanmaltummaafi hojimaata badaa hojimaata ammayyaafi hirmaannaa uummataan wal’aanuuf waliigalteerra geenyeerra jedhan.
Qabiinsa odeeffannoo ammayyeessuuf akkasumas dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojiileen eegalaman fi sassaabbii galii irratti ciminaan hojjechuuf waliigalteerra gahamuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.