Hojiira oolmaa qonna ismaartii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf…

Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC)- Instiitiyuutiin Qonnaa Itiyoophiyaa dhiibbaa jijiiramni qilleensaa hojiiwwan qonnaa irraan ga’u ittisuuf qonni ismaartii bu’aa fidaa jira jedhe.

Yaarin biyyoota Bahaa fi kibba Afrikaa qonna ammayyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti mari’atu Finfinneetti taa’amaa jira.

Instiitiyuutichatti Daarikteerriitti fayyadama Qabeenya Uumamaa Waaraa fi Qonna Ismaartii Awwaqaa Mulu ‘aalam yaa’icha irratti akka ibsanitti, dhibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf Itiyoophiyaan xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.

Kanaanis sochii dam-hedduu imaammataan deggerame hojii irra oolchuu erga eegaltee waggoonni lakkaa’amuu kaasaniiru.

kussumaa dhibbaa jijjiiramni gabeenya filleensaa hojiiwwan qonnaa irratti fidu ittisuuf qonni ismaartii hojii irra oolaa jiraachuu ibsanii, kunis bu’aa fidaa jira jedhan.

Qonni jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu irra jireessaan oomisha dabaluu, balaawwan ittisuu, eegumsa qabeenya uumamaa fi hojiiwwan wal fakkaatoo akka ta’an eeran.

Itiyoophiyaan hojii dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatee bu’aa fiduu danda’u hojjechuun biyya fakkeenyummaa qabdu akka taate ibsameera.

Solomoon Yittaayyoo tu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment