Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Rippaabilika Azarbaajaan Ruslaan Naasiiboov, dhiyeenyatti hojii kan eegale Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob ariitiin hojiitti galuun agarsiistuu hoggantoota kutatoo fi mul’ata qabanii ta’uu ibsan.
Ambaasaaddar Naasiiboov guyyaa Walabummaa Azarbaajaan Finfinneetti kabajame ilaalchisee sagantaa qophaa’erratti dubbii dubbataniin hariirroon biyyoota lamaanii guddachaa dhufe cimee akka itti fufuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha.
Guddina ariifataa Itiyoophiyaan bulchiinsa dijiitalaan galmeessisaa jirtus dinqisiifataniiru.
Tajaaila Giddugala Tokkoo Masoob ariitii fi karaa milkaa’een hojiirra ooluu yaadachiisanii, kunis Moodeela “Tajaajila Dijiitaalaa Asaan” biyyi isaanii hojiirra oolchite fi sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argateen walfakkaata.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob, akkuma “Asaan” iftoomina tajaajilaa ammayyeessuun, malaanmaltummaa hir’isuu fi itti quufinsa lammiiilee fooyyeessuun dhiyeessii tajaajila uummataa irratti yeroo dhiyootti jijjiirama fidas jedhan.
Akka yaada Ambaasaaddarichaatti, Itiyoophiyaanonni tajaajila giddugalichaa caalmaatti yoo baran tajaajilicharratti amantaa guddaa horatu.
Biyyoota lamaan giidduuttis fooyya’iinsa paablik Sarvisii fi tumsa dijiitaalaa irratti beekumsa ceesisuuf yeroo waliigaltteen mallatteeffamee kaasee itti dhiyeenyaan hojjetamaa jira.
Jaarraa 12ffaa keessa Abbaa lammii Azarbaajaan fi haadha lammii Itiyoophiyaa irraa kan dhalate artistiin beekamaan Mujiraaddiin Bayilaqaanii walitti hidhamiinsa uummataa, seenaa fi aadaa biyyoota lamaan gidduu jiruuf mallattoo seena qabessa ta’uus yaadachiisaniiru.
Masaafinti Birilleetiin