Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Kilaastarri misooma magaalaa Oromiyaa raawwii hojii paartii fi mootummaa kurmaana 2ffaa bara 2018 gamaaggameera.
Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Misooma Magaalaa obbo Masfin Malaakuu kaayyoon waltajjichaa hojiiwwan ji’oota jahan darbeetti hojjetaman galmoota magaalaa mirkaneessuuf bu’aa dhufaa jiruun madaalaa deemuuf akka ta’e ibsaniiru.
Akkasumas hojiiwwan gurguddoo seektaralee misooma manneeniin kurmaana 2ffaa bara 2018tti hojjetaman gamaggamuun yeroo itti aanuutti hanqinalee mul’tan irratti hojjechuun hoggansi seektaralee akka xiyyeeffannoon hojjechuuf kan gaggeeffama jiru ta’u obbo Masfin ibsaniru.
Raawwiin kurmaana 2ffaa bara 2018 bu’aaleen imala badhaadhinaa milkeessuuf dandeessisan raawwatamaa jiraachuus himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Hojiiwwan raawwataman galmoota magaalaa milkeessuu fi bu’aa qabatamaa galmeessifneen madaalamu qabu jedhan obbo Masfin Malaakuun.
Oromia# Ethiopia#
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.