Hojiiwwan raawwataman hedduun, guddina ariifachiisaa yeroo gabaabaa keessatti fiduun akka danda’amu agarsiiftuudha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) –Hojiiwwan raawwataman hedduun, guddina ariifachiisaa yeroo gabaabaa keessatti fiduun akka danda’amu agarsiiftuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaaobbo Shimallis Abdiisaan.

Gamaggamni rawwwii hojii paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira.

Barri 2017 bara ergamoonni abdii namatti horan itti raawwataman ta’uu ibsan Pireezidaanti Shimallis haasawa gamaaggamicharratti taasisaniin.

Mootummaan tarkaanfii cimaa fudhateen caasaa gandaa haaraa lafa qabsiisuun uummanni tajaajila mootummaa dhiyeenyaan akka argatu bara taasifameedha jedhan.

Hojiiwwan hedduu milkaa’ina gurguddaa argamsiisan kan itti raawwataman ta’uus, karoora xiiqii qabame wajjiin wal bira qabamee yoo ilaallamu raawwiin jiru harcaatii qaba jechuun kaasan.

Gamaggama kanaan sababa isaa qorachuun karoora itti aanuutti xiyyeefannaa olaanaan irratti hojjechuuf waliigalamuu akka qabu kallattii kaa’an.

Injifannoowwan hedduu milkeessudhaaf sochiin kan itti taasifameefi bu’aawwan abdachiisaan bara itti galmaa’e akka ta’e Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaalaw Tafarraan dubbataniiru.

Paartii cimaa ijaaruudhaan mootummaa cimaa dhugoomsuuuf hojiiwwan gurguddaa raawwatamuus eeruu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment