Hojimaanni sirna to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaa ammayyeessuu ifoome

Finfinnee, Guraandhala 17, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa hojimaata sirna to’annoo balaawwan fayyaa hawaasaa ammayyeessuu ifoomseera.

Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Masaay Hayiluun, sirni diijitaalaa kun rakkoo fayyaa aanaalee biyyattii keessa jiru adda baasuuf gargaara jedhan.

Kana malees rakkoo qabiinsa ragaa kan furuufi waljijjiirraa odeeffannoo fayyaa kan saffisiisu ta’uus dubbatan.

Daayrektara Olaanaa Itti aanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Malkaamuu Abbixeen gama isaaniin, sirnichi balaawwan fayyaa karaa qindaa’aa ta’een to’achuuf kan gargaaru ta’uu ibsan.

Saganticharratti Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee keessummoonni biroon kan argaman yoo ta’u, Giddugalli Qindeessa Balaawwan Fayyaa Hawaasaa bifa haaraan gurmaa’es eebbifameera.

Yeshaambal Mihiratitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment