Hojimaanni tumsa damee loojistiksii Itiyoophiyaa bu’a qabeessa taasisaa jira – Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee

Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) – Hojimaanni tumsa irratti hundaa’e damee loojistiksii Itiyoophiyaa caalaatti bu’a qabeessa taasisuun faayidaa diinagdee biyyattii sadarkaa olaanaatti guddisaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen.

Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee, kana kan ibsan waltajjii biyyaalessaa Waldaa Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibuutii fi Dhaabbanni Geejjibaa Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa waliin qopheessan irratti.

Dhaabbileen lamaan diinagdee biyyattii keessatti ga’een qaban murteessaa ta’uu eeranii, milkaa’ina galmaa’e caalmaatti itti fufsiisuuf tumsa isaanii daran cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

loojistiksii yeroo wajjin walsimu hordofuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Rakkoolee mul’atan itti fufiinsaan furuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisus dubbataniiru.

Dhaabbileen lamaan waliin qindoomuun hojjechuun haala geejjiba fe’umsaa kanaan dura ture jijjiiruu danda’amuu eeraniiru.

Haaluma kanaan, bara baajataa 2018 tti meeshaalee daldala alaa galanii fi ba’an keessaa dhibbeentaa 74 kan ta’u baaburaan akka geejjibsiifame ta’uun ibsameera.

Kunis sirna meeshaaleen buufata doonii Jibuutii irra yeroo dheeraaf ture jijjiiruun, meeshaaleen nageenyi isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti maamiltoota bira akka gahan, akkasumas baasii hinbarbaachisne hambisuuf gumaacheera.

Baaburri Itiyoo-Jibuutii guutummaatti humna elektirikaatiin waan hojjetuuf, loojistikii magariisaa naannawaaf mijataa ta’e uumuurratti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuunis ibsameera.

Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment