Finfinnee, Guraandhala 8, 2018(FMC) – Jeequmsa Baha Giddugaleessaa keessatti uumameen walqabatee hojimatonni boba’aa itti gaafatamummaan fayyadamuuf dandeessisan sirnaan akka hojiirra oolan Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii akeekkachiiseera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa gidduu kana dabarsaniin wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuun boba’aatti qusannaa fi sirnaan fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Kanaanis konkolaattota elektirikii fi tajaajilawwan geejjiba uummataa sirnaan fayyadamuu, akkasumas aadaa konkolaattota oofuu jijjiiruu, akkasumas to’annoo qulqullinaa fi eegumsa naannoof xiyyeeffannaa kennuun akka barbaachisu ministeerichi beeksiseera.
Ministeerichi ibsa baaseem kanaan dhiibbaa idil addunyaa yeroo ammaa dandamchuufi dinagdee biyyaa itti fufiinsaan baraaruuf hojimaatawwan qaamolee hawaasaa hundaan, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaan hojiirra ooluu qaban akeekeera.
Konkolaattotni bob’aa fi elektirikii walkeessa fayyadaman boba’aa dhiisuun humna elektirikii qofa akka fayyadaman, hojiin warra boba’aan hojjetan gara elektirikiitti fi gaazii uumaatti jijjiiruus cimsuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Dabalataanis konkolaattota fe’iinsaa hanga toonii 20 baatan gara elektirikiitti, warra toonii 20 ol baatan ammoo gara gaazii uumamaa fi elektirikiitti akka jijjiiramaniif qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedheera.
Konkolaattonni mootummaa fi pirojeektotaa sadarkaa federaalaa fi naannoolee hundi guutummaatti gara elektirikaatti akka naanna’an gochuun karoora biyyaalessaa eegalame guutummaatti hojiirra oolchuu barbaachisas jedhe.
Hawaasni awutoobusii, baaburaa fi tajaajila geejjiba uummataa biroon bal’inaan akka fayyadamuu fi taarifaa fi sagantaa ba’een tajaajilichi utuu walirra hincitin akka kennamu hubachiiseera.
Mana tokko keessaa konkolaataa mata mataatti fuudhanii ba’uurra waliin fayyadamuu akka barbaachisu ibsee, aadaa imala gaggabaabaa magaalaa keessaa lafoo fi biskileetaan fayyadamuu cimsachuu akka barbaachisu eereera.
Ofiinsa bob’aa fi kaarboonii xiqqeessu hojiirra oolchuu fi suphiinsa konkolaataa yeroo yeroon cimsuu, akkasumas meeshaalee jijiirraa oriijinaala ta’an fayyadamuu akka barbaachisu ministeerichi ibseera.
Qajeelfama safara aara konkolaataa hojiirra oolchuu fi konkolaattonni hundi tekinooloojiiwwan to’annoo boba’aa fi aaraa sadarkaa Itiyoophiyaatti raggaasifamanitti fayyadamuu akka qaban hubachiiseera.
Waamichi biyyaalessaa dhiyaate kun baasii sharafa alaa hambisuuf, faalama naannoo xiqqeessuufi lammiileen raraafama gatii boba’aa idil addunyaan akka hinmiidhamneef kan akeekame ta’uu Ministeerichi ibsa isaan eereera.
#Oromia #Ethiopia