Hojjetoonni damee fayyaa fayyadamoo inshuuraansii fayyaa hawaasummaa ta’an

Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC)- Sagantaan jalqabaa hojjettoonni dame fayyaa fi maatiiwwan isaanii tajaajila inshuuraansii fayyaa hawaasummaatti akka fayyadamaniif gargaaru ifoomeera.

Daayrektarii Olaanaan Tajaajila Inshuuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa obbo Tasfaayee Warquu akka dubbatanitti, lammii fayyaa qabeessaa fi oomishaa ta’e horachuun guddina biyyaa dhugoomsuuf tarsiimoowwanii fi rifoormiiwwan hedduun hojiirra oolaniiru.

Tarsiimoowwanii fi sagantaalee uwwisa fayyaa hunda hammate milkeessuuf bocaman keessaa tajaajilli inshuuraansii fayyaa tokko ta’uus eeraniiru.

Lammiilee dinagdee idilee irratti bobba’anii fi abbootii mirgaa sooramaaf tajaajilli inshuuraansii fayyaa hawaasummaa, akkasumas damee dinagdee idileen alaa irratti warra bobba’aniif ammoo sirni inshuuraansii fayyaa hawaasaa bocamuus eeraniiru.

Sirna inshuuraansii fayyaa hawaasaa gara naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundatti babal’isuun abbootiin warraa miliyoona 13.7 ta’an miseensa ta’uu dubbataniiru.

Kanaanis lammiilee miliyoona 63 oliif uwwisa inshuuraansii fayyaa kennuun kan danda’ame yoo ta’u, kanneen keessaa buusiin miseensummaa lammiilee miliyoona 19 mootummaan uwwifamuu ibsaniiru.

Gama biraatiin sirna inshuuraansii fayyaa hawaasummaa lammiilee damee diinagdee idilee irratti bobba’anii fi abbootii mirgaa sooramaa fayyaduuf bocame hojiira oolchuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Haaluma kanaan hojjetoonni damee fayyaa amala hojii isaanii irraa kan ka’e rakkoon fayyaa yoo isaan mudatu baasiin isaanii mootummaan uwwifamee tajaajila fayyaa akka argataniif hojjetamaa turuu eeraniiru.

Haaluma kanaan labsii bulchiinsaa fi to’annoo tajaajila fayyaa haaraa ba’e lakkoofsa 1363 irratti buusiin miseensummaa inshuuraansii fayyaa hojjetaa mootummmaa damee fayyaa guutummaatti mootummaan akka uwwifamu labsameera jedhan.

Bu’uura labsii kanaanis hojjettoonni mootummaa damee fayyaa irra hojjetan tajaajila inshuuraansii fayyaa hawaasummaa akka fayyadaman ifoomsaniiru.

Hojiirra oolmaa tajaajila kanaa dhawaataan babal’isuun hojjettoonni mootummaa fi abbootiin mirgaa sooramaa hundi akka fayyadamaniif tattaaffiin akka godhamus hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment