Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC)- Hospitaala Isheeshaalayzidii fi Kompireehensiivi fi Inistitiiyuutii Fayyaa Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Shamarree umurii 25 keessaa Xannachi Kiiloo giraama 20 ulfaatu tajaajila baqaqsanii wal’aanuun baafame.
Shamarreen kun waggoota saddeetiif dhiita’uu garaa ishee mudateen rakkachaa turte.
Dhiita’uun garaa kun xannacha ovaarii akka ta’ee wal’aansa shamarree kanaa kan raawwatan Hospitaalichatti Ispheeshaalistiin Ulfaa fi Gadameessaa Dooktar Yoonaas Ayyalaan Faanaa Diijitaalif ibsaniiru.
Dhukkubni akkanaa ka’umsi seelonni adda addaa qaama nama keessa jiran yoo du’an ykn dhalatan marsaan isaanii wal madaaluu dhabuun kan mudatu akka ta’e himan.
Shamarreen kun Waggaa saddeetiif “shamarree hin heerumne; manatti garaatti hafe” jedhamuun dhiibbaan xiinsammuu irra gahaa turuu maatiin ishee dubbataniiru.
Dooktar Yoonaas hawaasni mallattoolee akkanaa yeroo ofirratti argu hordoffii taasisuu akka qabuu fi yeroon wal’aansa barbaachisa taasisuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Tajaajilli baqaqsanii wal’aanuu shamarree kanaa Sa’aatii 2 akka fudhatee fi yeroo ammaa haala fayyaa gaarirratti kan argamtu ta’uu Dooktar Yoonaas dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.