Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Hospitaalli Hundagaleessi Addaa Yuunivarsiitii Salaalee giddugala Tuuriiziimii Fayyaa akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhe Yuunivarsiitiin Salaalee.
Waggaa sadi dura Hospitaalli Waliigalaa Fiichee Yuunivarsiitii Salaalee jalatti akka bulu erga murtaa’ee kaasee seenaa Hospitaalichaa hundeerraa jijjiiruuf hojiin babal’isuu fi haaromsuu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Hojii Gaggeessaa olaanaan Hospitaala Hundagaleessa Addaa Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Mi’eessoo Baayyuun Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Hospitaalichi waggaa sadi dura sadarkaa gadi ture kan jedhan Dooktar Mi’eessoon, amma Hospitaala filatamoo jedhaman keessaa isa tokko ta’uu akka danda’e kaasan.
Hojiin babal’isuu kunis humna namaa gahaa fi gahumsa qabu horachuu, meeshaalee yaalaa barbaachisoo ta’an guutuu fi mooricha bakka mijataa fi hawwataa taasisuuratti xiyyeeffatee hojjetamaa jiraachuu eeran.
Yeroo ammaas meeshaalee yaala fayyaa Hospitaalli Hundagaleessi Addaa tokko guuttachuu qabu keessaa % 95 ol guuttachuu himan.
Akkasumas bu’uura misoomaa guuttamuu qabu hunda guutuuf hojii hojjetameen siree ciisichaa sadarkaa eeggatan, kutaaleen yaalaa fi bakki tajaajilaman boqotu haaraan ijaaramuu fi kaanis haaroomuu dubbatan Dooktar Mi’eessoon.
Yaala kana dura Hospitaalichi kennaa hin turre murteessoo ta’an eegaluuf hojii hojjetameen yaala sadarkaa hundaa fi gosa hundaa eegalchiisuun riifarii gara Finfinneetti ergamaa ture guutummaatti hambisuun danda’amuus ibsan.
Ogeeyyiin yaala fayyaa ogummaa hundaa sadarkaa barbaadamuun guutumuus himaniiru.
Tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu sadakaa olaanaa (walxaxaa) garaagaraa akka biyyatti bakkeewwan muraasa qofatti kennaman hospitaalichi kannuu eegaluufi kaanis yeroo dhiyootti eegaluuf qophiin xumuramuu ibsan.
Hojiin babal’isuu kun akka milkaa’uuf Ministeerri Fayyaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa fi dhaabbileen deeggartootaa tumsa olaanaa taasiisuu himan.
Waliigala bittaa meeshaalee, ijaarsaa fi kaffaltiiwwan sadarkaa garaagaraa dabalatee hojiin babal’isuu Hospitaalichaa Birrii biiliyoona1.8 oliin gaggeeffamaa jiraachuu Dooktar Mi’eessoon dubbataniiru.
Duub deebii fi gammachuun hawaasaas caalmaatti cimnee akka hojjennuuf nu kakaaseera jedhan.
Hospitaala ummanni tajaajila boonsaa ta’e itti argatuu fi yaalamee itti fayyu, akka biyyattii beekamtii olaanaa qabu taasiisuuf hojiin babal’isuu fi haaromsuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaan.
Salaalee bakka tajaajila fayyaa mijataa, hawwataa, si’ataa fi amansiisaa ta’e giddugala Tuuriizimii fayyaa gochuuf kutannoon hojjechaa jirra jedhan Dooktar Fayyeeraan.
Hojiin babal’isuu kunis xumuramuun yeroo dhiyootti kan eebbifamu ta’a jedhan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.