Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Hoggantoonni Biiroolee Oromiyaa gaaffilee miseensonni caffee Oromiyaa kaasaniif deebii kennaniiru.
Rakkoo fayyaa hawaasaa furuuf pirojektoonni hirmaannaa hawaasaan hojjetaman jajjabeessadha jedhan Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinee.
Hospitaaloota gara Riifaraaliitti guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Gaaffii hanqina qorichaa, ogeeyyii fayyaafi meeshaalee yaala fayyaa mul’atan furuufis carraaqaa jiraachuu ibsan.
Pirojektoota daandii eegalaman xumursiisuun walqabatee; bara baajataa 2017 kana piroojektoota 236 xumursiisuuf karoorfamee pirojektoota daandii, buufataale konkolaataa fi riqaalee 301 xumursiisuun tajaajilaaf oolchuun dandaameera jedhan Hoggantuun Biiroo Daandii Oromiyaa Injinar Heelaan Taammiruun.
pirojektoota rakkoowwan gara garaan harkifatanii jiran madda rakkoo isaanii qorachuun kan irratti hojjetamaa jiru ta’uu himan.
Suphaa daandiin wal qabatee hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu himanii kanaanis bara 2017 keessaa Daandiin Kiiloo Meetirri kumni 5 suphamuu eeran.
Gaaffii tajaajila bishaan dhugaatii ilaalchisuun miseensota Caffeerraa ka’eef deebii kan kennan Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa gama isaaniin bara kanatti hawaasa fayyadamaa bishaan dhugaatii gochuuf hojiileen hojjetamaniin milkaa’inoonni gurguddoon argamuu ibsan.
Pirojektiwwan buleeyyii harkifannaa qabaniifi haaraa irratti ciminaan hojjechuun tajaajila bishaanii caalmaan fooyyessuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatan.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuunis gaaffiwwan gama damee qonnaa ilaalchisuun miseensota caffee irraa ka’aniif ibsa taasisaniin,hojiileen qonnaa milkaa’inaan raawwatamuu dubbatan.
Qulqullina bunaa eeguun hojiin guddaan kan hojjetame ta’uu eeruun, caalmaatti ummataa naannichaa fayyadamoo taasisuuf giddugalonni bunaa kan ijaaraman ta’uu kaasan.
Rabsaa callaa guddistuun wal qabatee harkifannaa jiru furuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.