Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Teeknooloojii Waraanaa Ammayyaa waliin Tarkaanfachaa Jiru

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Daangaa qilleensaa Itiyoophiyaa ga’umsa olaanaan eegaa kan jiru Humni Qilleensaa RFDI, dhaabbata guddaa kabaja biyyaafi ummata ta’ee jira.

Dhaabbatichi waggoota darban keessa milkaa’inoota hedduu galmeessiseera.

Humni Qilleensichaa sadarkaa olaanaa irra ga’us, fooyya’iinsa walirraa hin cinne gaggeessuun caalaatti fooyya’aa deemuu, caalaatti barachuu, hojjechuu, tattaafachuu, naamusa ogummaa eeguun adda duree ta’uufi dameewwan hunda keessatti bu’aa olaanaa galmeessuu kaayyeffatee hojjechaa jira.

Milkaa’inootaafi injifannoowwan kaleessa galmeesseen osoo ofi hin dagatin, qormaata borii yaada keessa galchuun har’a ciminaan hojjechaa jira.

Birmadummaa Itiyoophiyaa eeguu, nageenyaafi tasgabbii ummataa mirkaneessuu, kabaja dhaabbatichaa ol kaasuu akkasumas seenaa boonsaa dhalootatti darbu galmeessuuf gootummaa, gahumsa ogummaafi kutannoo barameen hojjechaa kan jiru Humni Qilleensaa, waardiyyaa amanamaa Itiyoophiyaa ta’ee tajaajilaa jira.

Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa RFDI Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, kutaaleen waraanaa dhaabbatichaa keessatti argaman hundi garaa tokkoon kaayyoo tokkoof hojjechaa jiraachuu ibsu.

Tumsi kun wabii nageenyaa dhaabbatichaa ta’uu bira darbee gaachanaafi dahoo biyyaas ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi kabaja ummataa ta’e kun, nageenya naannichaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Dandeettii hoggansaa yeroo yeroon guddisuun haala yeroo wajjin walsimsiisee qophii waraanaa yeroo hunda mirkaneessuun ergama isaa ciminaan raawwachuu itti fufeera.

Tooftaa fi adeemsi waraanaa yeroo ammaa saffisa guddaa dursanii tilmaamuun rakkisaa ta’een jijjiiramaa dhufuu isaa hubachuun, Humni Qilleensaa humna namaafi teeknooloojii irratti jijjiirama guddaa fiduun tarkaanfachaa jira.
Ogeeyyii ga’umsa qabanii fi teeknooloojii yeroo ammaa fayyadamuu danda’an horachuun, paayilotoota, teeknishaanotaafi ogeessota bulchiinsaa hedduu leenjisee qopheessaa jira.

Kana malees, teeknooloojiiwwan waraanaa ammayyaa’oo hidhachaa jira.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment