Finfinnee, Amajjii 17, 2018 (FMC) – Humna Qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa ta’ee hin beeku jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Humna Qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa ta’ee hin beeku; dirree taphaa bal’aa ashaaraa gootummaa isaa itti kaa’u, ga’umsa isaa itti madaaluu fi biyyi kan itti boontu ta’uusaa itti labsudha jedhan.
Qajeeltoo isaa samiin kan keenya jedhu waggoota 90ffaa labseera; 90’n lakkoofsaan oli kan jennuufis sababaani jechuun ibsan.
Cichoomina waggoota kurnan sagaliif naannawaa qilleensaa eegsisuu itti chaappeffame, seenaa birmadummaa samii irratti barraa’ee fi asxaa bilisummaafi tokkummaa baroota lakkoofsisee ta’uus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.