Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Humna Qilleensaa ammayyaa Itiyoophiyaarra darbee naannawaa Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaraa jirra jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Mata duree ‘humna qilleensaa guddaa, biyya guddoof’’ jedhuun waggoota torban darbanitti hojiin riifoormii gaggeessuu hojjetamaa turuu ibsan.
Kanaanis dhabbata jabaa teeknooloojii ammayyaa hidhate ijaaruun danda’ameera jedhan Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan turtii miidiyaalee waliin taasisaniin.
Teeknooloojii loltummaa ammayyaa fi hidhannoo sadarkaasaa eeggate hidhachuun humna Itiyoophiyaarra darbee naannawaa Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaruuf hojjechaa jirra jedhan.
Dhaabbatichi jalabultii guyyaa hundeeffamasaa waggaa 90ffaa kabajuuf qophiirra jiraachuu himuun, humna mallattoo bilisummaafi tokkummaa ta’ee daandii milkaa’inaarra imaluu itti fufuudha jechuun dubbatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.