Humni Galaanaa Itiyoophiyaa Giddugala Leenjii eebbisiise

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Humni Galaanaa Itiyoophiyaa Giddugala Leenjii ogeeyyii Galaanarraa eebbisiiseera.

Qajeelcha Olaanaa Maahaandisa Raayyaa Ittisaan kan ijaarame Giddugali Leenjii ogeeyyii galaanarraa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa kun har’a bakka Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan argamanitti eebbisiiseera.

Itiyoophiyaan maqaa gaarii Galaanaa Diimaarratti dur ittiin beekamtu deebisuuf hojiilee hedduu hojjetaa jiraachuun ibsame.

Giddugala Leenjii ogeeyyii galaanarraa kunis qaama isaa ta’uutu eerame.

Giddugalichi Gamoo Manneen jireenyaa Raayyichaa, Kutaalee Barnootaa, Galma sirna Elektiroo Makaanikaan hojjetu, Istaadiyeemii sadarkaa idil addunyaa guutatee fi kanneen biroo kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment