Finfinnee, Waxabajii 30, 2017(FMC) – Piroojektoonni misoomaa adda addaa birrii Biliyoona 20 Olitti shallagamuun magaalota Adaamaa fi Aggaarootti ijaaramaa turan eebbifamuun tajaaila hawaasaaf banaa ta’an.
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Piroojektoonni misoomaa garaa garaa kumni 5 fi 996 baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaa Birrii biiliyoona 19 fi miiliyoona 600 oliin ijaaramaa turan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Piroojektoonni kunneen bakka sadarkaa Pireezidaantii itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa, Pireezidaantii Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal fi hooggantoonni biroo fi keessummoonni adda addaa argamanitti eebbifamaniiru.
Piroojeektiiwwan kunniin indaastiriiwwan godoo, manneen barnootaa bu’uura boruu, hospitaala sadarkaa jalqabaa, waajjira mana murtii, kilaastara horsiisa loonii fi lukkuu, waajjira Gandaa, bakka balfa jiidhaa fi goggogaa, daandiwwan magaalaa keessaa ta’uu kantiibaan Magaalichaa obbo Hayiluu Jaldeen himaniiru.
Kenni tajaajilaa manneen hojii mootummaas diijitaalawaa ta’uun fooyya’aa dhufuu kan dubbatan obbo Haayiluun, alseerummaan madda komii Kenna tajaajilaa ta’aa ture hirachuus dubbataniiru.
Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa sirna eebbaa kana irratti akka dubbatanitti, akka naannoo oromiyaatti Piroojektoonni eegalaman xumuramuun hiikoo kan qabu dubbatan.
Humni guddaan misooma sochoosu humna waloo, tajaajila lammummaa fi Hirmaannaa uummataa ta’uus hubachiisaniiru.
Piroojektoonni eebbifaman kunniin wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu eeranii, duudhaa eenyummaa hawaasaa waliin walsimachuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuun humna misoomaa akka ta’anis dubbatan.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Aggaaroottis piroojeektonni baasii Biririi miiliyoona 600 oliin ijaaramaa turan eebbifamaniiru.
Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa, buufataaaleen fayyaa, Misoomni Koriidarii marsaa 2ffaan, magarisummaan Magaalaa, ibsaan daandii irraa fi kan biroos pirojeektota eebbifaman keessaa muraasa.
Pirojektiiwwan kunneen ijaaramuun gaaffii fi fedhii misoomaa hawaasa irraa dhiyaatuuf deebbii kennuu akka ta’e kantiibaan magaalaa Aggaaroo Naziif Mahaammadamiin himaniiru.
Milkaa’ina hojii kanaaf hirmaannaan uummataa iddoo guddaa akka qabu dubbatan.
Tasfaayee Ijjiguutu fi Warqaafarraawu Yaalawutu gabaase.