Finfinnee, Mudde 12,2018(FMC) – Humni Komaandoo addaa keenya oppireeshinoota ciccimoo gootummaan kan raawwatuu dha jedhan Komishineerri Jeneraalaa poolisii Itiyoophiyaa Dammallaash Gabiramikaa’el .
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa miseensota Komaandoo yeroo jalqabaaf akkaadaamii isaatti leenjisaa ture bakka Ministirri Muummee Itti aanaan Tamasgan Xurunaa argamanitti har’a eebbisiiseera.
Komiishina Jeneraal Dammallaash sirnicha irratti akka dubbatanitti, eebbifamtoonni naannoolee fi bulchiinsota magaalaa hunda irraa kan filataman yoo ta’u, ji’oota 16 darbaniif leenjii polisummaa addaa fudhataniiru.
Leenjii Komaandoo kana irratti humna oppireeshinoota addaa fi dirqama kamuu ba’achuu isaan dandeessisu uumuu isaaniis eeraniru.
Poolisiin seera, hojimaata, humna namaa fi teknooloojiin akkasumas hariiroo keessoo fi alaan haaromsa milkaa’aa geggeesseeras jedhan.
Kanaanis dhaabbanni poolisii abdi biyyaa, loogii irraa bilisa ta’e, humna ogummaa fi raawwachisummaa qabu akkasumas idil-addunyaa irratti dorgomaa ta’e ijaaramuus ibsaniiru.
keessumaa humni namaa beekumsa poolisummaa guutuu, ogummaa fi naamusa yeroon barbaadu akka gonfatuuf dhaabbilee leenjii guddisuu dandeenyeerra jedhan.
Hamni poolisii yeroo darbanitti shirawwan biyya diiguu baandaa fi alagaan biyyaa fi uummata irratti aggaamamaa turan qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun aarsaa kaffalee fashaleessuu fi nageenya mirkaneessaas ibsaniiru.
Diinonni Itiyoophiyaa nageenya booressuuf akka hin rafne eeranii, dirqama kamuu ga’umsaa fi kutannoon ba’achuuf qophoofneerra jechuu isaani TOI gabaaseera.
Filannoon biyyaalessaa 7ffaa fi waltajjiiwwan idil-addunyaa milkaa’inaan akka xumuramaniif humni poolisii yeroo kamuu caalaa qophaa’uu isaas mirkaneessaniiru.
Humni komaandoo addaa ergama cimina, jabina, amantaa fi wareegama gaafatu ta’uu ibsanii, eebifamtoonni ulfaatina ergama kanaa hubachuun, ga’umsa, cimina sammuu, beekumsaa fi ogummaa yeroo leenjii argisiisaniin ogummaa isaanii kutannoon gochaan akka ba’anis hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia