Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018(FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dirqama kamiiyyuu ga’umsaan raawwachuuf qophummaa olaanaarratti argama jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensichaa Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Ajajaa Itti Aanaan Humna Qilleensichaa kutaalee dirqama oppireeshiniif gumaacha olaanaa bahataniif beekamtii kenneera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa ergamaa fi dirqama dhaabbatichaa kamiiyyuu ga’umsaan raawwachuuf qophummaa olaanaa qabaachuu Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan saganticharratti ergaa dabarsaniin himaniiru.
Dhaabbatichi riifoormii gaggeesseen yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina dinqisiisaa galmeessuu kaasan.
Kunis bu’aa waloo hoggansaa fi miseensotaan galmaa’e ta’uu eeran.
Kutichi naannawaa daangaa qilleensa Itiyoophiyaa ga’umsaan eeguuf qophummaa loltummaa olaanaa qabaachuu Itti Aanaa Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoopjhiyaa Birgaader Jeneraalaa Tasfaayee Laggasaan ibsaniiru.
Qaamolee deeggarsaa taasisanii fi kutaalee dirqama isaanii ga’umsaan bahataniif beekamtiin kennamuu Raayyaa Ittisaatti Qopheessaa Olaanaan Miidiyaa Onlaayinii Leetanaal Koloneel Wubisheet Chakkool Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.