Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hoggansa gahuumsa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Kolleejjii Hooggansa Akkaadaamii Humna Qilleensaa keessatti qondaaltoota olaanoo torban shaniif leenjii hoggansa waraanaa fudhachaa turaniif leenjii muuxannoo wal jijjiirraa kennnaniiru.
Leetenaal Jeneraal Yilmaan wayita kanatti haasawa taasisaniin, hoggansa jechuun kaayyoo dhaabbateef cichoomee fedhii Biyyaa fi Dhaabbataa kan milkeessuu malee jechaan qofa kan ibsu miti jedhan.
Hogganaan hojii isaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan waraanaa yeroo tilmaamamuu hin dandeenyee fi gabaabaa keessatti murtoo sirrii murteessuu kan danda’u ta’uu eeraniiru.
Hoggantoonni Raayyaa ittisaa yeroo nagaa lolaaf qopheessuu bira darbee dandeettii xiinsammuu fi teeknikaa walitti qindeessuun ergama kamiifuu qopheessuutu irra eegama jedhan.
Humni Qilleensaa wayita amma Balaalistoota, Injiinarootaa fi teeknishaanoota qulqullinaa fi gahuumsaan horachuu Leetenaal jeneraal Yilmaan dubbataniiru.
Hoggansa dandeettii olaanaa kana qindeesse hogganuu fi lolu horachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhaabuuti jechuun ibsaniiru.
Haaluma kanaan qondaalli olaanoon kunneen ergama itti kenname sirnaan bahachuu fi fakkeenya ta’uu akka qaban kallattiin kennamuu Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.