Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiya bu’uuraalee misoomaa fi Humna Namaan of gahomsaa tureera jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Humni Qilleensaa balaallistoota, kaadhimamtoota qondaaltoota waraanaa fi teeknishaanoota eebbisiiseera.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa wayita kanatti haasawaa taasisaniin, dhaabbatichi ergama itti kenname bu’uura godhachuun bu’uuraalee misoomaa fi humna namaan of gahomsaa tureera jedhan.
Barattoonni Koolleejjii teeknikaatti damee ogummaa Aviyeeshinii garaagaraatiin baratan Dippiloomaan eebbifamaniiru.
Eebbifamtoota kanneen keessaa lama balaliistota dubartoota yoo ta’an, balaliistonni Taanzaaniyaadhaa dhufanis warreen eebbifaman keessatti argamu.
Hojiin humna namaa ijaaruu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu fi meeshaalee waraanaa ammayyeessuu caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa hubachiisaniiru.
Guyyaan hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Amajjii 15, 2018 irraa eegalee sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.