Humni Qilleensaa keenya kabajaa fi abdii biyyaa warreen Itiyoophiyaatti bu’uu barbaadan leeyyaasisee dha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Humni Qilleensaa keenya dhaabbata olka’iinsa hedduu keessa darbuun abdii fi gaachana biyyaa ta’ee humnoota Itiyoophiyaa miidhuu barbaadan leeyyaasisuu danda’ee dha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun agarsiisni qilleensarraa Leenca Gurraachaa Bishooftuutti geggeefamaa jira.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa kurneewan saddet darbanitti olka’iinsaa fi gadi bu’iinsa adda addaa keessa darbuu kan yaadachiisan Dooktar Abiy, waggoota olka’iinsaa keessa humnoota Itiyoophiyaatti bu’uu barbaadaniif qoricha ta’ee itti fufuu kaasaniiru.

Kallattii hundaan Itiyoophiyaaf kabajaa fi da’oo ta’uun dhaabbata guddaa humnoota Itiyoophiyaa miidhuu barbaadan leeyyaasisuu danda’e ta’uu yaadachisanii, Itiyoophiyaa irrabdarbee nagaa biyyoota Afrikaa hedduuf ga’ee guddaa gumaacheera jedhan.

Barri kolonummaa wayita kufaa dhufe sana humnoota koloneeffattootaa Poorchugaal daangaa qilleensaa Taanzaaniyaa irraa akka ittise yaadachiisaniiru.

Itiyoophiyaan waggoota biyyoota Afrikaa hedduuf humna nagaa kabachiisu bobbaasuun michummaa ishee agrsiiste sana waraana lafooshee cinatti Humni Qilleensichaa dhaabbata mqaa gaarii qabu, Afrikaaf ga’ee guddaa taphatee dha jedhan.

Dhaabbatichi yeroo ammaa ga’umsa guudaa irratti akka argamu ija jabinaan dubbachuun akka danda’amu kannibsan Dooktar Abiy, kunis bu’aa hojii mootoleen turan hojjetanii ta’uu dubbataniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment