IGAD fi UN nageenya naannawa irratti waloon hojjachuuf mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Dhaabbatni Misoomaa mootummoota Baha Afrikaafi Mootummoonni Gamtoomanii Nageenya Naannawa Gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf haala waliin hojjachuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Barreessaan Olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo fi Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan Addaa Gaafa Afrikaa Guwaang Koongi Waajjira IGAD Finfinneetti argamutti waliin mari’ataniiru.

Dhaabbileen lamaan haala itti nageenya, tasgabbii akkasumas dhimmoota namoomaa dursa argachuu danda’anirratti tumsa isaanii cimsanirratti waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatni Misoomaa mootummoota Baha Afrikaa, Gamtaan Afrikaa fi Mootummoonni Gamtoomaan biyyoota naannawa IGAD’tti nageenya waaraa mirkaneessuuf tokkumaafi tumsaan hojjechuuf murannoo qaban mul’isaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment