Ijaarsa dhaabbileerratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetameera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajii 8, 2018 (FMC) – Konfiraansii”Guddina Faayinaansii Itiyoophiyaatti” jedhurratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaadaa fi gaaffii ka’aniif deebii kennaniiru.

Dhaabbilee akkaataa ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 baachuu danda’u uumuuf ijaarsa isaanirratti irratti hojjenneerra jedhan.

Rifoormii dhaabbilee hundeessuuf ka’umsi fedhii ta’uu ibsan.

Kanaafis yaadni bu’uura ta’uu fi Yaada kan maddisiisuus kan baatus dhala namaati jedhan.

Namni yaada qabuun dhaabbilee ijaaruun jijjiirama fiduu akka qabus dhaaman.

Dhimmoota ijoo dhaabbilee keessa jiraachuu qaban keessa amanamummaa, iftoominni, itti gaafatamummaa, gurmaa’insa cimaa, of fooyyeessuu fi kan baratamu ta’uu isaan yaadni hedduu bira akka gahu taasisuun akka danda’amu eeran.

Wayita damee Faayinaansii jijjiiruu eegallu, imaammataan, hojmaataan, hoggansaan ammayyeessuu dhaabbilee barbaadantu ture jedhan.

Osoo dhaabbileen sirnaan hin ijaaramin dhiibbaa fiduun kan hin danda’amne ta’uu ibsan.

Haa ta’uutii ijaarsa dhaabbileerratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment