Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo qaama immaammata walitti hidhamiinsa samiifi lafaa naannichaa dhugoomsuti – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo qaama immaammata Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, walitti hidhamiinsa samiifi lafaa naannichaa dhugoomsuti jedhan Pireezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan ijaarsa buufata xiyyaarichaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Guyyaa har’aa Godina Gujii Magaalaa Shaakkisootti argamuun ijaarsa Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo jalqabsiisuu keenyan ummata naannoo keenyaa, keessumaa ummata naannawichaatiin baga gammaddan jechuun barbaada. Piroojektiin kun Fulbaana bara 2019 kan xumuramudha.

Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Shaakkisoo qaama immaammata Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, walitti hidhamiinsa samiifi lafaa naannichaa dhugoomsuti. Jijjiirama dura buufanni xayyaaraa naannoo keenya keessatti tajaajila kennaa ture kan Jimmaa qofadha. Tarkaanfii tarsiima’aa walta’iinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Garee Daandiiwwan Qilleensaa Itiyoophiyaatiin fudhatameen akkasumas hordoffiif deeggarsa halkaniif guyyaa taasifameen, yeroo waggaa tokkoo gadii keessatti buufataaleen xayyaaraa naannoo keenyatti tajaajila kennaan torba nigahu.

Goddinni Gujii, naannawi Adoolaafi Shaakkisoo lafa keessi warqee, gubbaan warqeefi namni warqeeti. Bunni keessan qulqullina dabalaa waan dhufeef gatii gaarii argachaa jira; nutis wiirtuu dhamdhama bunaa banneera. Kana malees hidhamiinsa lafaa dhugoomsuuf daandiiwwan asphaaltii hojjechaa jirra. Daandiin aspaaltii Dodolaa-Warqaa-Adoolee yeroo dhihootti nixumurama. Shaakkisoo-Areeroo-Meeggaa hanga Moyyaale jiru gidduuttis hidhamiinsi sirrataa jira.

Har’a ammoo buufata xayyaaraa yeroo gabaabaa keessatti xumuramu jalqabsiisnerra. Buufanni Xayyaaraa Shaakkisoo qaxanaa dilbii olaanaa albuudaa, qonnaa, turizimii, daldalaafi kkf qabu kana misooma si’oomaafi qabatamaa keessa kan galchuudha.

Hawaasni daldalaa, dargaggeeyyin, beektonni, Abbootiin Gadaafi hayyoonni naannawichaa sabboonummaa ofii galmoota qabsoo Oromootiin qajeelchuu irratti gahee akka bahattan yaadachiisuun barbaada. Milkaa’inni naannawichaa ija humna dinagdee, dorgomummaa dhalootaafi ijaarsa sirna cimaatiin ilaalamuu qaba.

Hawaasni kun qabeenya umamaafi nam-tolchee isaa qaamni fedhe akka itti hintaphanne kan eeguufi kunuunsu ta’uu qaba.
Carraawwan umamaa jiran hunda akkaataa kanaan qindeessuun magaalota Adoolaafi Shaakkisoo giddugala dinagdee guddaa Kibba Oromiyaa akka taasiftan shakkii hinqabu. Mootummaan keenyas milkaa’ina isaatiif humna qabu maraan kan isin waliin dhaabbatu ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada.

Dhumarrattis, qaamolee ijaarsa kana irratti hirmaatan – Dhaabbata ‘MIDROC Ethiopia’, abbaa qabeenyichaa Sheek Mohammed Alii Allaamuddii, hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaa Obbo Jamaal Ahimad akkasumas Garee Daandiiwwan Qilleensaa Itiyoophiyaafi hojii gaggeessaa olaanaa garichaa Ob. Masfin Xaasoo maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment