Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu cabiinsa sirna loojistiksii Itiyoophiyaaf deebii kan kennee dha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 2, 2018(FMC) – Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu cabiinsa sirna loojistiksii Itiyoophiyaa barootaaf tureef deebii kan kenne jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa pirojeektii Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu hojii eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy wayita kana akka dubbatanitti, Daandiin Xiyyaaraa Itiyoophiyaa waggoita 80f mallattoo fi kabaja biyya baroota dheeraa lakkoofsistee ta’ee hojii milkaa’aa hojjeteera.

Daandiin Xiyyaaraa kunkaraanni baroota kaneen keessa darbe miijataa akka hinturre yaadachiisanii, jijjiiramni sirnaa Itiyoophiyaa mudachaa tures ta’e balaawwan uumamaa fi namtolchee utuu hindaangessin ga’umsa olaanaan kabaja Afrikaa ta’uu akka danda’e ibsaniiru.

Icciitiin milkaa’ina isaas aadaan Korporeetii cimaa ijaaramuu danda’uu akka ta’e yaadachiisaniiru.

Daandiin Xiyyaaraa kun karaa bu’aa isaa eegsisuun giddu seentummaa tokko malee bilisa ta’ee seera biizinasii idil addunyaan hogganamuun akka itti fufes dubbataniiru.

Nageenyaaf dursa kan kennu, hoggantoota kalaqaa fi cichoominaan hojjetan, hojjettoota himna ida’ameen alaabaa Itiyoophiyaa ciminaa fi ittigaafatamummaan baatan kan qabu ta’uus eeraniiru.

Dhaabbatichi yeroo hunda barachuuf qophaa’ummaa qabuun adda akka ta’us ibsaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu Kaappiteenota samii irra balali’aniif buufata guddaa ta’ee akka tajaajilu dubbatanii, kunis cabiinsa sinrni loojistiksii Itiyoophiyaa qabaachaa tureef deebii kan kennu ta’uu isaa ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Daandiin Xiyyaaraa Itiyoophiyaa qormaatlee hedduu dandamateeakka milkaa’e hunda qormaatileen numudatan caalmaatti akka cimnuu fi milkaa’ina keenyaaf akka jabaannu nugargaaru jechuunis dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment