Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Qaama Piroojektii Moojoo -Hawaasaa kan ta’ee daandiin Saffisaa Baatuu – Nagellee Arsii xumuramaa jira.
Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaatti Dursaan Garee Waajjira Piroojektii Moojoo – Hawaasaa Injiinar Daffaruu Darrasaa akka jedhanitti, Pirojeektiin baasii Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 300 fi miiliyoona 90’n ijaarame kun % 99 qaqqabeera.
Daandichi kiiloomeetira 57.4 kan uwwisu yoo ta’u bal’inni isaas meetira 31. 6 ta’uu ibsaniiru.
Daandichi dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamuun ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, baasiin isaas kan uwwiiffamu Baankii Addunyaan ta’uun eerameera.
Piroojektiin daandii saffisaa Moojoo- Hawaasaa sa’aatii imala dachaan kan hir’isu yoo ta’u, qaama Daandii saffiisaa Finfinnee- Moojoo- Moyaalee –Laamuu- Mombaasaa ta’uu kaasaniiru.
Taammirat Dalaliitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.