Ijaarsi Hidhichaa xumuramuun Itiyoophiyaafis ta’ee biyyoota ollaaf seenaa guddaadha – Amoorii Mootilii

Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa xumuramuun Itiyoophiyaafis ta’ee biyyoota ollaaf seenaa guddaadha jedhan Ministirri Muummee Baarbaadoos Amoorii Mootiliin.

Hidhichi Faayidaalee diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaa olaanaa kan argamsiisu ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan seenaa raajii fi waaraa hojjechuuf murannoon ka’uun ishee gufuulee turan hunda injifachuun hidhicha ijaartee xumuruun injifannoo addaati jedhan.

Itiyoophiyaanoonni injifannoo Adwaatti galmeessan damee Mahandisummaanis dabalaniiru jechuun eeran.

Biyyoonni hedduun ijaarsi hidhichaa milkiin ni xumurama jedhanii eegaa hin turre, Itiyoophiyaan garuu humna, ogummaa, qabeenyaa fi dandeettii mataa isheen xumuruun raajii hojjechuu kaasan.

Tokkummaan dhaabbannaan wanta hunda injifachuun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu eeran.

Hidhichi Badhaadhina Itiyoophiyaa fi biyyoota ollaa akka dhugoomsu shakkii hin qabu jedhan.

Ummannii fi Mootummaan Itiyoophiyaa kanneen raajii kana hojjetan baga gammaddan jedhaniiru.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment