Finfinnee, Sadaasa 12, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen hospitaalonni ijaarsarra jiran galma magaalaa Finfinnee giddugala tuurizimii fayyaa taasisuuf qabame milkeessuuf dandeettii dabalataa kan uumanidha jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin adeemsa ijaarsa hospitaalota sadii gamaaggamneerra jedhan.
Hospitaalonni kunneen hospitaalota Kanaan dura jiran irra tajaajila olaanaa kan kennan ta’uu fi ijaarsi isaanii xumaramaa akka jiru eeran.
Kutaalee Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silki Laafoofi Kolfee Qaraaniyootti ijaaramaa jiraachuu eeruun, naannawaa Kanaan dura hospitaalli hin jirretti ijaaramuun isaanii waliingahiinsa tajaajila fayyaa haqa qabeessa babal’isuuf dandeessisu jedhan.
Hospitaalonni kunneen siree kuma 1 fi 500 kan qabaatan ta’uu kaasanii, meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa galchuun xiyyeeffannoo keenya itti aanudha jedhan.
Ijaarsi hospitaalota kanneenii gaaffii uummataaf deebii qabatamaa kennuurra darbee giddugala gahumsaa tajaajila fayyaa ta’uun kan tajaajilani jedhan.
Galma magaalaa Finfinnee giddugala tuurizimii fayyaa gochuuf qabame milkeessuu keessattis dandeettii dabalataa kan uuman ta’uu eeraniiru.
Ijaarsa hospitaalota kanneenii malees hospitaalota Minilik, Raas Dastaafi Zawudituutti hojiin babal’inaa hojjetamuu ibsaniiru.
Kanneen keessaa hojiin babal’ina hospitaala Zawudituu xumuramuun hojii eegaluu yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.