Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Haalli ijaarsi misooma koriidarii itti raawwate dinagdee si’eesseera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota magaalaa, magaalummaa fi misooma koriidarii ilaalchisee Teeleeviizyiinii Qaanaa waliin turtii taasisaniiru.
Haalli ijaarsaafi qulqillinaa iddoowwan misoomni koriidarii itti raawwatame dinagdee si’eesseera jedhan.
Qabeenyi uumamaafi nam-tolcheen misoomuun miidhaginni Finfinnee daraan dabaluun yaa’insa hawwata tuurizimii dabaluu kaasan.
Kunis biyya keessaa fi alatti fakkeenya ta’uu dubbatan.
Finfinneen maqaa qofaan turte amma qabatamaan akka maqaa hawwattuu ta’uu eeran.
Waliigalaan misoomichi kallattii maraan diinagdee biyyaa si’eessaa jiraachuu himan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia