Ijaarsi Pirojektii madda anniisaa qilleensaa Asallaa % 93 irra ga’e

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – ‎Ijaarsi pirojektii madda anniisaa qilleensaa godina Arsii aanaa Heexosaatti ijaaramaa jiru % 93 irra gahe jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.

‎Pirojektiin gandoota afur waliin gahu maddi anniisaa aduurraa maddisiisu kun wayita xumurame madda anniisaa gara meeggaa waattii 504tti akka guddisu ibse.

‎Pirojektiin kun tarbaayinoota 29 qabu keessaa 23 sakatta’amanii giriidii waliin wal quunnamuu isaanii Daayrektarri Komunikeeshinii Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Magos Makonniin dubbataniiru.
‎Pirojektiin kun meeggaa waattii 100 maddisiisuu akka danda’u dubbatan.

‎Gama biraatiin, naannoo Somaaleetti ijaaramaa kan jiru pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Ayishaa 2ffaan raawwiinsaa % 85.6 qaqqabuusaa eeran.

‎Pirojektichi tarbaayinoota 48 tokkoon tokkoonsaanii meeggaa waattii 2.5 maddisiisan keessaa tarbaayinoonni 32 xumuramanii meeggaa waattii 80 maddisiisaa jiraachuu kaasan.

‎Ijaarsisaa wayita guutummaan xumurame anniisaa meeggaa waattii 120 maddisiisuu akka danda’u ibsan Obbo Magos.

‎Itiyoophiyaan qilleensarraa madda anniisaa giigaa waattii 1.2 ol maddisiisuu akka dandeessu qorannoowwan gaggeeffaman an agarsiisan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment